FAIL (the browser should render some flash content, not this).
HOME >> [ book --| ]

Tajaajila by Dr. Gemechis D. Buba

Yeroo amma tajaajilli waldaa Kiristiyaanaa hedduu saffisaan baballachaa
jiruuf, haalli tajaajilaas akkasuma geddaramaa adeeme kanatti tajaajilaan
kam iyyuu dhugaa dubbii Waaqayyoon kan yeroo kamuu caalaa hidhachuun
hedduu barbaachisaa dha.

Lubi Dr. Gemechis Destaa kan yeroo dheeraaf sadarkaa ol’aanatti tajaajila
Wangeelaa irratti boba’ee jiru, kitaaba kana keessatti hubee tajaajila dhabbataa
fi milkaa’aa horachiisu bal’inaan dhi’eesse. Egaa tajaajiltooti Wangeelaa
kitaaba kana dubbifachuun tajaajila keessan hedduu akka gabbifattan
nan amana. Kitaabi kun Kitaaba dubbifamuu qabuudha!
Dr. Gemechu Olana.



Dr. Gemechis Desta Buba Presidenti Tokumaa Waldoota Oromo Adunyaa
(UOEC Inc.) ta’uu dhaan tajaajilaa jira. Barnoota issaa sadarkaa Mastreeti
fi Doktorumaa magaalaa Atlantaati barate xumure. Tajaajila Lubumaa
Evangelical Lutheran Church in America keessati fuudhachuu dhaan
Lubumaa fi Misiyoonumaa dhaan waldaa afaan Oromo Atlantaa fi Waldaa
Amerikaanootaa keessati tajaajila laatera. Bara 2006 eegalee itti aannaa
Bishoopi ta’uu dhaan magaalaa Philadelphiati tajaajileera. Bara 2007
kaasse waamicha issaaf goodhameen Itti gaafatamaa olaanaa fi hoganaa
tajaajila Afriikaa kan guutumaa Amerikaa fi Caribbean ta’uu dhaan waajira
ELCA issa olaanaa keessaa hoojetaa jira. Tajaajila wangeelaa fi
barnoota hoogantumaa kenuudhaaf guutumaa adunyaa keessati saboota
heedu dhaaf tajaajila baballaa kenaa jira. Luba Dr. Gemechisi fi haati
manaa issaa Nassisse Baro Tumsa magaalaa Chicago biya United States
keessa jiraatu. 


ABOUT US    |    CONTACT US    |    EVENTS    |    CHURCH ADDRESSES